Dhimmoota biyyaalessaarratti iftoominaan mari’achuun waliigalteerra ga’uun dhimma egeree biyyaa ijaaruuti-Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC)- Dhimmoota biyyaalessaarratti iftoominaan mari’achuun waliigalteerra ga’uun, dhimma egeree biyyaa ijaaruuti jedhan De’eetaan Ministiraa Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa.
 
Waltajjiin marii mata duree “Mariin biyyaalessaa hammataa ta’ee, waliigaltee biyyaalessaaf, nageenya waaraa fi waliin jireenyaaf” jedhuun Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera.
 
Waltajjicharratti De’eetaan Ministiraa Ministeeraa Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan ergaa dabarsaniin, rakkoolee roga hedduu akka biyyaatti mudatanirratti marii qajeelaa gaggeessuun kan yeroo gaafatu miti jedhan.
 
Garaagarummaa jiru sirnaan hoogganuun, ajandaawwan dhimma biyyalessaa ta’an ijoorratti iftoominaan mari’achuun waliigaltee uumuun dhimma egeree biyyaa ijaaruuti jedhaniiru.
 
Mariin gaggeeffamu kufaatii mudate gara olka’iinsaatti jijjiiruu qaba kan jedhan Obbo Taayyeen, ajandaawwan biyyaalessaarratti mari’chuun biyya jabduu ijaaruun hundarraa akka eegamu hubachiisaniiru.
 
Marii hirmaannaa dammaqaa gaafaturratti lammiileen hunduu qajeelummaa fi kutannoon hirmaachuu qabu jechuu isaanii ragaan Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoorraa argame ni mul’isa.
 
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment