Dhimmoonni jajjaboo shan kallattii xiyyeeffannaa hojii isaanii ta’uu aadde Adaanach himan

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Dhimmoonni jajjaboo shan kallattii xiyyeeffannaa hojii isaanii ta’uu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee himan.
 
Xiyyeeffannaawwan hojii bulchiinsa magaalichaa carraa hojii uumuu, galii sassaabuu, weerara vaayrasii koroonaa ittisuu, nageenya mirkaneessuu, tajaajila manneen hojii hundaa fooyyessuu, galmee lafaa fi mirkana ragaa lafa qonnaan bulaaf laachuun isaan jajjaboodha jedhan aadde Adaanach.
 
Proojaktoota jajjaboo; ijaarsa manaa, daandii fi bishaanifis xiyyeeffannaan ni laatama jedhan.
 
Jiraattonni magaalittii tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa ta’e akka argatu ni hojjetamas jedhan.
 
Aadde Adaanach kaabinee bulchiinsa magaalichaa waliin mari’ataniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment