Dhimmi lafa Shaggar akka feeteen akka hinqisaasamneef karaa dijitaalawaan akka hogganamu ta’eera-Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Dhimmi lafa Shaggar akka feeteen akka hinqisaasamneef karaa dijitaalawaa ta’een akka hoggamu taasifamuu Kamtiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashomaa Addunyaa dubbatan.

Yaa’iin Abbootii Seeraa marsaa 1ffaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar mata duree “Naamusa ogummaa hojii abbaa seerummaa goonfachuun itti fayyadama teeknooloojii dabaluun haa hojjannuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar DooktarTashoomaa Addunyaan, Shaggar magaalaa diinagdee ta’uu kaasniiru.

Dhimmi lafa Shaggar akka feeteen akka hin qisaasamneefis karaa dijitaalawaan akka hogganamu taasifamuu himaniiru.

Kaartaan lafaas bifa haaraan qophaa’uu eeruun, dhimmi mana jireenyaa bartee kaleessaa baasuun haala ammayyaa’aa ta’een hogganuuf hojjetamaa akka jiruu fi kana boodas dhimmi lafaa sadarkaa kutaa magaalaatti otoo hin taane sadarkaa Magaalaa Shaggaritti kan ilaalamu ta’a jedhaniiru.

Ittaanaa Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa oromiyaa obbo Badirii Tamaam gama isaaniin, hojii kenna tajaajila abbaa seerummaa magaalaa shaggar keessatti kennamuu qulqulluu fi ammayyaa’aa akkasumas si’ataa taasisuu ni dandeenya jedhan.

Ragaa sobaa irratti qaamni hundi qindoominan hojjachuu fi teeknooloojii cimaa qabaachuu qabnas jedhaniiru.

Kana malees, sirna kenninsa tajaajilaa ammayyeessuu, miidhaa ragaa sobaa hambisuuf qindominaan hojjatamuu akka qabu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment