Dhimmi Hidha Haaromsaa dhimma birmadummaa biyyaati -hayyoota

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Dhimmi ijaarsa Hidha Haaromsaa dhimma birmadummaa biyyaati jedhan hayyoonni.
 
Milkaa’ina ijaarsa hidhichaatif tumsi lammiilee biyyattii akkuma duraatti cimuu qaba jedhan hayyoonni yuunvarsiitii.
 
Hayyoonni yuunvarsiitii addaddaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin dhiibbaa aggaamamu dura dhaabachuu qabnas jedhaniiru.
 
Yuunvarsiitii Ambootti barsiisaan muummee barnoota injiinariingii haayidirooliikii fi qabeenya bishaanii Tarreessaa Nagaasaan, Ityoophiyaan biyya yaa’a gara olii waan taatef qixa fayyadamummaa laga Abbayyaa irratti dhugaa seeraa fi seenaan deeggaramu qabdi jedhan.
 
Hidhichi biyyoottan yaa’a gara gadii kan fayyadu malee kan miidhu mitis jedhan.
 
Dhugaa kanammoo hayyoonni, diippiloomaatonnii fi mootummaan Ityoophiyaa hubachiisaa turaniiru jedhan preezdaantiin Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaan.
 
Isarra kan darbee garuu mirgaa qabeenya keenyatti fayyadamuu kan dhiibu waan ta’eef, dhiibbaa birmadummaa biyyaa kan qaqqabsiisudha jedhaniiru.
Kanaaf hidhichi akka xumuramu akka abbaatti lammiileen Ityoophiyaa tumsa maallaqaa fi beekumsaa cimsuu qabu jedhan.
 
Laga Abbayyaa irraa biyyoottan hedduun fedhii kan qaban waan ta’eef, uummanni, mootummaa fi paartiileen morkattootaa tumsa waliif gochuun birmadummaa biyyaa eeguu akka qaban preezdaantiin Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Gammachuu Araarsaan ibsaniuiru.
 
Garaa garummaan fedhii fi ilaalchaa fedhe jiraatus, dhimmoota birmadummaa biyyaa sarban irratti garuu tokko ta’uun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba jedhan.
 
Dhugaasaa Fufaatu gabaase.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment