Dhimmi Godaantootaa walxaxaa ta’uu isaan qindoomina fi tattaaffii guutuu addunyaa gaafata jedhame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa dhimma deebii qindaa’aa uwwisa seeraa godaantotaa 2ffaa ilaalchisee Finfinneetti qorannoo gaggeessuu eegaleera.

Dhaabbatichi dhimma deebii qindaa’aa uwwisa seeraa marsaa jalqabaa bara Faranjootaa 2015 – 2020tti hojiirra oolchaa tureera.

Dhimmi Godaantootaa walxaxaa ta’uu isaan qindoomina fi tattaaffii guutuu addunyaa kan gaafatu ta’uu Daayrektarri Fayyaa fi Misooma Hawaasummaa dhaabbatichaa Fatihaa Alwaan ibsaniiru.

Naannawichi rakkoo dhimma Godaantootaa keessaa akka ba’uuf uwwisni qindaa’aa seeraa 2ffaan murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa Dhimma Godaantootaa karaa qindaa’aan hogganuuf hojjechaa jiraachuu Ministeera Haqaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Tumsa Qindoomina Biyyaaleessaa Abrahaam Ayyaalew ibsaniiru.

Godaansa seeraan alaa naannawichaaf qormaata guddaa ta’aa jiru Ittisuuf Uwwisni Seeraa Qindaa’aa ta’e murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Uwwini seeraa 2ffaan kun bara Faranjootaa 2024 – 2028tiitti hojiirra oola jedhameera.

Biyyoota miseensa IGAD keessa Godaantoonni miiliyoonni 3.1 jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.

Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment