Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Dhimmi Galaana Diimaa Itiyoophiyaaf dhimma Birmadummaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Itiyoophiyaan karra Galaanaa argachuu akka qabdu addunyaan hundi itti waliigaleera, garuu karaa nagaan qofaan deebii akka argatu ni hojjenna jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Tattaaffiin karra galaanaa argachuuf taasiifamu marii fi marabbaan qofa ta’uu qaba.
Gaaffii ummata miilyoona 100 fi miiliyoona 30 ti, kanas karaa seeraan qofaan mirkaneessuuf tattaaffiin taasiifamu itti fufa jechuun Paarlmaaf ibsa kennaniin.
Addunyaarratti biyyi Ummata danuu osoo qabduu karra Galaanaa hin qabne Itiyoophiyaa qofa ta’uu eeran.
Itiyoophiyaan fedhii Galaana Diimaaf jecha Eertiraa hin weerartu,marii fi marabbaa qofaan argachuuf tattaaffii taasiiftu itti fufti.
Biyyi kamiiyyuu Itiyoophiyaa weerara jennee sodaannu hin jiru, Itiyoophiyaan qophummaa gahaas qabdi.
Qaamni kamuu hojiilee hojjetaa jirrurraa nuf gufachiisu hin jiru, hojiin keenya itti fufa.
Dhimma Galaana Diimaa Itiyoophiyaaf dhimma Birmadummaati ta’uu qaamni hundi hubachuu qaba jedhan.
Itiyoophiyaan hariiroo obbolummaa fi michummaa gaarii biyyoota ollaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee itti fufti.
#Oromia #Ethiopia