Dhimmi daangaa Ityoo – Sudaan akka laboobu warreen barbaadaan diinoota Ityoophiyaati- Ambaasaaddar Diinaa

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Diinoonni Ityoophiyaan dhimmi daangaa Ityoo – Sudaan akka laboobu barbaadanis biyyoonni lameen dhimmicha hundeerraa furuuf waadaa galuu ibsameera.

Rakkicha caalmatti babal’isuuf warreen dhamaa’aa jiraniif kan hin milkoofne ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimm Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin eeraniiru.

Gama Sudaaniin haleellaan raawwachuu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, gochicha kan raawwate caasaa gadii ta’uu ibsaniiru.

Rakkichi dhimma mootummaa Sudaan waliin wal qabatuu miti jedhan.

Qaamoleen dhimmicha babal’isuu fi ulaa uumuuf shira xaxaa turan jiraachuu turtii Faanaa Broodkaasting Koorporeet waliin taasiisaniin dubbataniiru.

Carraa argametti fayyadamuun rakkicha caalmaatti babal’uuf qaamolee dhama’aa jiran hundaaf ammas ta’ee gara fuulduraattis hin milkaa’uuf jedhan.

Gaaffiin daangaa marii fi karaa nagaan qofaan deebii argata jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

Yaa’ii ariifachiisaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 38ffaa Jibuutiitti gaggeeffame irratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook dhimmicharratti mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Rakkoo uumame waaraan furuuf walii galuu isaanii Ambaasaaddar Diinaa Muftiin Himaniiru.

Bisiraat Mallastu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment