Dhimmi barnootaa dhimma koo jedhee qaamni hundi hojjechuu qaba – Obbo Xilahuun Kabbadaa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Dhimmi barnootaa dhimma koo jedhee qaamni hundi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan hubachiisan.

Naannichatti raawwiin hojii kurmaana 1ffaa Biiroo Barnootaa fi kallattii yeroo itti aanuu ilaalchisee magaalaa Jiinkaatti mariin gaggeeffamaa jira.

Bu’uura waan hundaa kan ta’e barnoonni dhimma kiyya jechuun qaamni hundi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qabu Obbo Xilahuun hubachiisaniiru.

Qabxiin barattoonni galmeessaa jiran damicharratti xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu kan mul’isu ta’uu sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti hogganaan Kilaastera Hawaasummaa fi hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa Dooktar Ababaayyehu Taaddasaan ibsaniiru.

Ibraahiim Baadiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment