Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuu biyyoota Alaa Sudaa Kibbaa kan mormitu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Jeems Moorgaan ibsan.
Ambaasaaddar Jeems Moorgaan Ityoophiyaan biyya seenaa waggoota dheeraa qabduu fi rakkoolee keessoo isheetti mudatan ofiisheen hiikuuf muuxannoo dheeraa kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan rakkoolee keessoo ishee ga’umsa mataasheen hiikuu akka dandeessu Sudaan Kibbaa amantaa guutuu kan qabdu ta’uu ibsuun, dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuu biyyoota biroo kan hin deeggarre ta’uu eeraniiru.
Maddi:- TOI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna