Dhimma Istaandaardii halluu fi ijaarsaa magaalaa Finfinneerratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa To’annoo Ijaarsaa fi eeyyamaa Magaalaa Finfinnee dhimma Istaandaardii halluuvfi ijaarsaa magaalicha irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.

Abbaan Taayitaa To’annoo Ijaarsaa fi eeyyamaa Magaalaa Finfinnee dhimma Istaandaardii halluu fi ijaarsaa magaalicha irratti Sadarkaa Kantibaa Itti Aanaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee obbo Xiratuu Bayyanaa bakka argamanitti, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.

Marii kanarratti Barsiisaan Yuunvarsiitii Finfinnee Daawwit Bantii barreeffama qorannoo kan dhiyeessan yoo ta’uu, gama mana hojii abbaa taayitichan wixineen maanuwaalii fullee gamoo alaa dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa To’annoo Ijaarsaa fi eeyyamaa Magaalaa Finfinnee obbo Sixootaaw Akaalaa, dhimma Istaandaardii ijaarsaa fi halluu gamoo magaalichaa seeraa fi imaammataan deeggaramee fi jiraattootaaf mijataa taasisuuf marichi barbaachisa ta’uu himaniru.

Dhimma gamoowwaniifi fuullee gamoo alaa sadarkaa magaalaattitti ijaaraman irratti mariin taasifamu sadarkaa sadarkaan kan itti fufu ta’uus AMN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment