Dhimma Galaana Gurraachaarratti giddu seentummaa Ameerikaas ‘NATO’s akka hinbarbaanne Turki beeksiste

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Dhimma Galaana Gurraachaarratti giddu seentummaa Ameerikaas ta’e Dhaabbata Waadaa Waraanaa Atilaantikii Kaabaa (NATO) akka hinbarbaanne Turki beeksiste.

Dhimma nageenyaa naannawichaa irratti Turki kan geessu ta’uu Ajaajaan Humna Galaanaa Turki Ejimant Taatlowuloo dubbataniiru.

Humnoonni giddu seentummaa amaleeffatan akka biyyoota Giddugaleessa Bahaa naannawicha akka jeeqan kan hinbarbaanne ta’uu eeraniiru.

Ajaajaan humnichaa guyyaa hundeeffama Mana Barnootaa Humna Galaanaa biyyattii wayita kabajametti ejjennoo biyya isaanii beeksisuu miidiyaan Mehrnews jedhamu gabaaseera.

Galaanni Gurraachi Awurooppaa fi Eeshiyaa gidduutti kan argamu yoo ta’u, Yuukireen, Raashiyaa, Joorjiyaa, Turkii, Bulgaariyaa fi Roomaaniyaan waloon kan fayyadaman ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment