Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC) – Dhimma faayidaa waloo Oromummaarratti walii galuun barbaachisaa ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Arrabsoo fi Jibbiinsaan wanti jijjiiramu hin jiru jedhan Obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Seenneessi faallaa diimookiraasii ta’e gaggeefamaa jiraachuu eeruun, inni kun qaama mo’ee irraa osoo hin taane kan mo’atameeraa ka’aa jira jedhan.
Haalichi caalmaatti kan nu cimsu akka ta’e qaamoonni arrabsoo fi jibbiinsa oofan beeku qabu jedhaniiru.
Kana ofirraa qolachuuf dhimma faayidaa waloo Oromummaarratti walii galuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Keessaafi alaan ijaaramuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Barnootaafi teeknooloojirratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Obbo Fiqaaduun kaasaniiru.
Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.