“Dhimma barattoota ugguramanirratti gareen qorannaa sadi hundaa’ee hojjechaa jira.” – mootummaa

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – “Mootummaan dhimma barattoota ugguramaniirratti itti gaafatamtummaan hojjechaa jira.” jedhan itti gaafatamaan prees sakreetarii Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun.

Obbo Nugusuu Xilaahuun, janaraal koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasawii fi ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kifleen dhimmoota waqtaawaa dhaabbilee barnoota olaanoorratti ibsa laataniiru.

Obbo Nugusuun “Koreen teeknikaa dhimma barattoota Yuunvarsiitii Dambi Doolloo ugguramanirratti hojjetu hundaa’ee, hojjechaa jira.” jedhaniiru.

Dabalataan “Gareen Ministeera Nageenyatiin duurfamu, kan Poolisii Federaalaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Oromiyaatin deeggarame hawaasa naannichaa fi hawaasa Yuunvarsiitii Dambi Doolloo waliin mari’atee gabaasa dhiyeessera.” jedhaniiru.

“Mootummaan garee qorannaa teeknikaa fi ragaalee qorannoorraa odeeffannoo barbaachisoo argateera; odeeffannichis akkaataa qorannoo gaggeeffamu hin gufachiisnen yeroodhaa yerootti ummataaf ni ibsama.” jedhan obbo Nugusuun.

Jeneraal Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw gama isaanitiin, “Rakkoo nageenyaa uumameen sochiin idilee gufateet ture; ummatarras miidhaan qaqqabeera. Yaata’uutii amma caasaan nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechuun nageenya mirkaneessun danda’ameera.” jedhan.

“Yakkoota itti yaadamee, qorannoo fi qindoominaan raawwatamuuf ture hambisuun danda’ameera.” jedhan.

Janaraal koomiishinarichi “Naannoo barattoonni itti ugguramanitti qaamoleen hidhannoon socho’an jiru. Gareen qorannaa mootummaa 3 hundaa’ee hojjechaa jira. Duula gaggeeffameen iddoolee jajjaboo to’achuu fi humnootii kanneenis barbadeessun danda’ameera. Humni hafes hidhannoon socho’aa jira; mootummaan tarkaanfii fudhachuurratti argama.” jedhaniiru.

“Sadaasa dhumarraa eegalee barattoonni Yuunvarsiitii Dambi Doolloo butamanii ugguramaniiru.” jedhameera ibsichaan.

“Yerichatti barattoonni 17 ugguramuun kan ibsame keessaa 12 barattoota yuunvarsiitii turan. Shanan ammoo eenyummaan isaanii hin beekamu.” jedhaniiru qondaaltonni mootummaa sadan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment