Dhiitta mirga namoomaa gareen Shororkeessaa ABUT raawwata jiru hawaasni addunyaa akka balaaleffatu gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay dhiitta mirga namoomaa gareen Shororkeessaa ABUT uumatarraan gahaa jiru hawaasni addunyaa akka balaaleffatu gaafateera.

Bulchiinsi yeroo naannichaa akka ibseetti sababaan mootummaan Federaalaa murtee dhukaasa dhaabuu gamasaan akka dhaabuu bulchiinsichi gaafatee lubbuu lammiilee balaa irra baraarufidha.

Mootummaan Federaalaa bulchiinsa yeroo naannichaa waliin ta’uun tajaajiloonni naannichatti adda citan akka deebi’anii hojjetan, bu’uuraleen misoomaa manca’aan akka deebi’anii suphamaan gochuu kaayyoo ifa ta’ee godhatee hojjechaa turu beeksiseera.

Akka ibsa bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay kanatti bulchinsii yeroo kun teessoo isaa Finfinnee godhachuun dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa fi kanneen dhimmi ilaallatu waliin walubannoo Mootummaa Federaalaa fi bu’uura kallaatti Wajjira Muummee Ministiraarra kallatti kennamuun nageenya lammiilee sivilii eeguuf tattaafii gochaa jira.

Haaluma kanaan tattaaffii kana milkeessuuf qamoolee adda adda waliin marii sirna irratti bu’ureeffame taasisaa jirachuus eerera.

Kanaas ta’ee garuu murtee qamooleen nageenya federaalaa naannicha gad dhiisanii bahuu hordofee haalli qabatama amma Naannoo Tigraay keessa jiru haala baay’ee ulfaataa fi rakkisaa akka ta’e odeeffannoon jiran kan mul’isan akka ta’e beeksiseera.

Ibsa kanaan akka himameetti yeroo ammaa keessayyuu ergama lubbuu baraaru bulchiinsa yeroo naannichaa fudhatani lammilee hojjechaa turan humni hidhatee jiru kan Raayyaa Ittisa Tigraay jedhee of waamuu ajjesaa jira.

Baatiiwwan torban darban ogeeyyoonni Raayyaa, Indertaa, Maqalee/Kuhaa fi Adigiraatti tola oltummaan lammilee gargaaraa kanneen turan isaanii fi maatiin isaanii garee hidhate kanaan miidhamaa jiraachuu eerameera.

Hojii qinda’aa lammilee buqqa’anii jiran rakkoo isaanii furuuf taasifamuttis gufuu ta’aa jirachuu himameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment