Dhiiga keenyaan Ityoophiyaa bu’uuressine dafqa keenyaan guddisuu qabna-Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Dhiiga keenyaan Ityoophiyaa bu’uuressine dafqa keenyaan guddisuu qabna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa.

Jillii Dooktar Yiliqaaliin durfamu Godina Walloo Kibbaatti qamadii kilaastaraan misoome daawwataniiru.

Ityoophiyaan dhiibbaa biyyoota alaa jala turuuyaadachiisanii, dhiibbaa kana jalaa walabaa ba’uu kan dandeenyus wabii nyaataan yoo of dandeenyeedha jedhan.

Kana mirkaneessuun qonnaan bultoota waliin ta’uun hojjechuu keenyaani jedhanii, seenaa hiyyummaa badaa jijjiiraa jiraachuus ibsaniiru.

Hiyyummaa jalaa ba’uun oomishaa fi omishtummaa waaraa mirkaneessuudha kan jedhan Dooktar Yiliqaal, kanaanis filmaata qonnaa hunda duguuganii itti fayyadamuu fi hojmaata ammayya’aa hojiirra oolchuu akka barbaachisu himaniiru.

Barana tattaaffii qonnaan bultootaa fi mootummaatiin tokkummaan qamadii gara gabaa alaatti ni ergina; kun ammo injifannoo hunda keenyaati jedhaniiru.

Tattaffiin kun caalmaan cimee itti fufuun gargaarsaa hambisuun biyya jabduu bu’uuressuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Muluqan Abbabbaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment