Dhiibbaawwan dippiloomaasii ittisuuf gaheen diyaaspooraa itti fufu akka qabu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Birmadummaa biyyaa cimsuuf sochiiwwan taasifaman keesaatti dhiibbaawwan dippiloomaasii ittisuuf gaheen diyaaspooraa cimee itti fufuu akka qabu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa ibsan.

Raawwii karoora dippiloomaasii dijitaalaa fi pabilikii diyaaspooraa ilaalchisee ambaasaaddaroota, misiyoonota, hoggantoota miseensota gurmaa’ina diyaaspooraa waliin marsariitiin mari’atameera.

Aadde salaamaawit maricharratti, mootummaan hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuu eegalee bakka hundaattu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuuf hojjetamaa jiru hiika dogoggoraa itti kennuun hawaasni idil addunyaa dhiibbaa taasisu ittisuuf diyaaspooraan tattaaffiiwwwan eegalee cimsee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Haqa Ityoophiyaa hubachiisuufi gareen shororkeessaa ABUT yakkoota raawwate saaxiluuf diyaaspooraan gahee irraa eegamu gumaachuu akka qabu eeraniiru.

Deeggarsa diyaaspooraan eegalameen sirna odeeffannoo fooyyessuuf mootummaan xiyyeeffannaa kennee akka hojjetu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis gama isaaniin, waltajjichi dhiibbaawwan hinmalle ittisuufi haqa Ityoophiyaa hubachiisuuf hojiilee gaggeeffamaa jiran irratti mari’achuun hojiilee hafan caalmaan bu’aa qabeessa taasisuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Torbanoota sadan darbanitti sochiilee gaggeeffameen bu’aa jajjabeessan galmaa’uu himanii, dhiibbaan gaggeeffamuu dabalaa waan deemuuf hojiilee diyaspooraan gaggeessu cimee itti fufuu akka qabus dubbataniiru.

Gama kanaan mootummaan tattaaffiiwwan diyaaspooraan taasisu karaa garaagaraan deeggaruuf qophii ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Dirree dijitaalaatti dabalataan miidiyaalee idileerratti hirmaannaa taasisu dabaluu fi duulli gaggeeffamus faayidaa biyyaalessaa kan dursee fi kan waldubbise akka ta’u eeruu isaanii ragaan Tajaajila Kominikeeshini Mootummaarraa argam ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment