Dhiibbaan Jijjiirrama qabeenya Qilleensaa Ityoophiyaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Dhiibbaan Jijjiirrama qabeenya Qilleensaa Ityoophiyaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu Inistiityuutiin Qorannoo Imaammataa Ityoophiyaa beeksiise.
Inistiityuutichi Yuunvarsiitii Kooppan Hagan Deemaark waliin Jijjiirrama qabeenya Qilleensarratti qorannoo gaggeessaa jira jedhameera.
Argannoo jalqabaa qorannicha ilaalchisee guyyaa har’aa mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qorannichi naannolee 5 fi bulchiinsa magaalaa Dirree Daawaatti gaggeeffamuu himameera.
Maatilee qorannicha keessatti hammataman keessaa % 24 waggoottaan 5 nitti yoo xiqqaate yeroo 1 hongeen isaan muudachuu eerameera.
Damee Qonnaa Ityoophiyaarratti dhiibbaan Jijjiirrama qabeenya Qilleensaa daraan hammachaa dhufuu EBCn gabaaseera.
Yeroo ammas naannolee Bahaa fi Kibba Ityoophiyaatti sababa jijjiirrama qabeenya qilleensaan hongeen muudachuu eerameera.
Bara Faranjootaa 1965 hanga 2015tti yeroo 15 ol Ityoophiyaatti hongeen muudachuu ibsameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment