Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan dhiibbaa weerarri vaayrasii qaqqabsiisee bayyanachiisuuf biyyoota garagaraa fi dhaabbiilee waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu Ministeerri Teeknooloojii fi Innooveeshiniin beeksise.
Waltajjiin mata duree ‘tumsa diijitaalaan weerara vaayrasii koroonaa itti fufiinsaan dandamachiisuu’ jedhuun gamtaa telekominikeeshinii idil addunyaan qopha’ee viidiyoo konfiransii gaggeeffameera.
Waltajjichi weerara vaayrasii koroonaa sadarkaa idil addunyaa kan muudatee dandamachiisuun shooraa teeknooloojiin infoormeeshinii qabu hawaasaaf hubannoo uumuuf kan kaayyefateedha jedhameera.
Ministir Deettaan Ministeeraa Teeknooloojii fi Innooveeshinii Dooktar Ahimaddiin Mahaammad diinagdee addunyaa sababa weerara vaayrasii koroonaatin miidhamee dandamachiisuun tumsii diijitalaa fi hariiroo waltajjiin konfiraansii cimaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaa tumsa diijitaalaan Baankii Addunyaa, Gamtaa Awrooppaa, biyyootaa garagaraa fi dhaabbilee biroon waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.