Dhiibbaa ture waliin yoo madaalamu karoorri bara 2014 milkaa’aa ture- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Dhiibbaa hunda galeessa biyyattii keessa  ture waliin yoo madaalamu karoorri bara 2014 milkaa’ina kan qabu ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Ministeerri Dhimma Alaafi dhaabbileen waamamtootaa raawwii karoora bara 2014fi karoora 2015 irratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan haasawaa maricharratti taasisaniin, walitti bu’iinsa kaaba biyyattiin walqabatee dhiibbaawwan dippiloomaasii, duula miidiyaaleefi weerara vaayirasii koroonaan walbira qabamee yoo madaalamu ministeerichi raawwii fooyya’aa galmeessuu eeraniiru.

Gama dippiloomaasiin rakkoolee biyyattiirratti aggaamaman hir’isuufi biyyoota michoota baay’isuuf hojii olaanaan hojjetamuu kaasaniiru.

Hojiin gurmaa’iinsa hojii riifoormii fi humna namaa barbaachisaa ta’e bobbaasuurratti hojjetame jajjabeessaa ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment