Dhiibbaa diinotaa qolachuun kan danda’amu oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Dhiibbaa diinota keessaa fi alaa qolachuun kan danda’amu oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun ta’uu ibsameera.

Eebbifamtoonni Intarpiraayizii marsaa 11ffaa magaalaa Finfinnee bakka abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen milkaa’oon argamanitti marii gaggeessaa jiru.

Kaayyoon marichaa eebbifamtoonni gara indaastirii giddugaleessaatti wayita ce’an ga’ee isaan irraa eegamu hubatanii bu’aa qabeessa taasisuuf ta’uu Ittaanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee fi hogganaan Biiroo Hojii, Intarpiraayizii fi Misooma Indaastirii magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbay ibsaniiru.

Biiroon Hojii, Intarpiraayizii fi Misooma Indaastirii magaalichaa intarpiraayizii fi indaastiriiwwan kuma 36 oliin gudina diinagdee magaalichaa fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment