Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Dhiibbaa diinagdee sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin qaqqabuu danda’u dandamachuuf damee qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan haala yeroo fi diinagdee ilaalchisee ibsa laataniiru.
Dhiibbaa diinagdee sababa weerara garee shororkeessaan qaqqabuu danda’u dandamachuuf damee qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin sassaabbii oomishaa haala qulqullina qabuun gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Qonna misooma Jallisiirratti xiyyeeffannoo olaanaan laatamuun hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Hanga ammaatti misooma kuduraa fi muduraa dabalatee hojii qonna jallisii hojjetamaa jiruun lafti hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 49 kan qotame yoo ta’u, hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 11 sanyiin uwwifamuu eeraniiru.
Qonna jallisii Boneen Qamadii misoomsuuf hojii hojjetamaa jiruun ammoo lafa hektaara kuma dhibba 4 misoomasuun callaa kuntaala miiliyoona 16 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hanga ammaatis lafti hektaarri kumni dhibbi 2 fi kumni 56 qotamuu fi kana keessaa hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 46 sanyiin uwwifamuu eeraniiru.
Akkasumas bara kana hojii misooma sululaaf xiyyeeffannoo olaanaan laatamuun qophiin taasiifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojii misooma Sululaa hojjetamurratti hirmaannaa ummataa cimsuuf sagantaawwan garaagaraa qophaa’uu ibsaniiru.
Proojektoonni misooma jallisii gurguddaan hojjemaa jiraachuu eeraniiru.
Duula birmadummaa sabdaneessaa gaggeeffamaa jiru cinaatti dhiibbaa diingadee ga’uu danda’u dandamachuuf bara baajataa 2014 Proojektoonni misooma jallisii 17 hojjechuuf baajanni eeyyamamuu eeraniiru.
Proojektoota kanneeniif baajanni Birrii biiliyoonni 9.8 qabamuu ibsaniiru.
Proojektoonni 12 yeroo ammaa hojiin ijaarsa isaanii gaggeeffamaa jiraachuu Ministiri Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan himaniiru.
Proojektiin tokko ammoo ijaarsi isaa eegalamee sababa waraanaan dhaabbachuu eeraniiru.
Jalqabamuuf waadaan galamee sababa waraanaan proojektoonni 3 osoo hin eegalamin hafuu ibsuun,kan baajanni qabameef waadaan osoo hin galamiin hafe proojektii tokko ta’uu dubbataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.