Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Dhiibbaa biyyoota alaatiin taasifamu caalaa dhiibbaa lammileen taasisaniin Ityoophiyaa michuuwwan horattee jechuun Ministir deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa ibsaniiru.
Obbo Kabbadaan ibsa miidiyaaleef laataniin sosochii “No More” fi balaaleffannaa giddu seentummaa alaa lammileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa taasisaniin biyyoonni hedduun Ityoophiyaa cinaa akka hiriiran taasisuu obbo Kabbadaan himaniiru.
Haaluma kanaan dhiibbaawwan Ityoophiyaarratti taasifamaa turan, torban darbe keessaa dhiibbaa diinotaa alaa caalaa dhiibbaa lammileen taasisan caalee kan itti mul’ateedha jedhaniiru.
Akkasumas biyyoonni Afriika, Awurooppaa fi Eshiyaa hedduun Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan ejjennoo isaanii kan itti calaqqisiisaniidha jedhaniiru.
Kanaanis dhiibbaa biyyoota alaatiin Ityoophiyaarratti taasisan caalaa Ityoophiyaan michuuwwan hedduun horachuu himaniiru.
Kanaanis asxaa fi eenyummaan Ityoophiyaa caalaatti ol ka’ee kan itti muul’ate ta’uu himaniiru.
Kana malees, Ityoophiyaan akka nagaa hin taaneeti Embaasiiwwan biyyoota alaa Finfinnee jiraniin akeekkachiisi lammiilee isaaniif kennamaa ture haala qabatamaa Finfinnee kan hin mul’isnee ta’uu himaniiru.
Gochoonni akkanaa qajeelfamaa dimookiraasummaa kan cabsaniidha jedhaniiru.
Kanaafis ibsoota burjaajessoo fi shororkeessaa akkanaarraas akka of qusatan akeekkachiisaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateef