Dhiibbaa biyyoota alaa Jalaa bahuuf qabeenya qabnutti seeraan fayyadamuu qabna- Obbo Umar Huseen

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Dhiibbaa biyyoota alaa jalaa ba’uuf qabeenya lafaa, bishaanii fi humna namaa qabnutti seeraan fayyadamuun qamadii jallisii boneen misoomsuurratti hojii jalqabne cimsinee itti fufsiisuu qabna jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen.

Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseenii fi hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquun durfamu Godina Shawaa Bahaa  Aanaalee Adaamaa, Luumee, Booraa fi Dugdaatti hojii qophii  lafaa fi facaasa qamadii boneerratti hojjetamaa jiru daawwateera.

Daawwannichaan hanqinootaa fi ciminoota jiran adda baasuun Kallattii fuula duraa kaa’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment