Dhiibbaa alaa Ityoophiyaarra ga’aa jiru mormuun duulli Tiwiitarii gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Ityoophiyaanoonni guutuu addunyaatti argaman dhiibbaa alaa Ityoophiyaarra ga’aa jiru mormuun duulli Tiwiitarii gaggeessaniiru.
Gochaa gareen Shororkeessaa ABUT raawwachaa jiruu fi yakka waraanaa daa’immanirraan ga’aa seera idil addunyaa kan cabse ta’uu isaan balaaleffachuu akka qaban gaafataniiru.
Sarbama mirga namoomaa garicha raawwataa jiru ariitiin akka dhaabuuf hawaasni idil addunyaa dhiibbaa taasiisuu akka qabu gaafataniiru.
Haala qabatamaa naannoo Tigraay keessa jiru miidiyaaleen idil addunyaa kallattiin ittiin gabaasaa jiran dhugaarraa kan fagaate ta’uu isaa hubachiisaniiru.
Ameerikaan dhimma keessoo Ityoophiyaa giddu galuu akka dhaabdu gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment