Dhiibbaa alaa faayidaa fi birmadummaa biyyaa miidhaan ittisuuf waloon dhaabbachuun barbaachisaadha – Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Garaagartee malee dhiibbaa alaa faayidaa fi birmadummaa biyyaa miidhaan ittisuuf waloon dhaabbachuun barbaachisaata’uu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa hubachiise.
Manni marichaa tibbana waltajjii magaalaa Bishooftuutti gaggeesseen adeemsa filannoo duraa fi boodaa, haala nageenyaa, bilisummaa Boordii Filannoo fi raawwachiiftoota filannoo, olaantummaa seeraa kabachiisuu, haala waqtaawaarratti mar’achuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii 13 baafachuun xummureera.
Garaagartee malee dhiibbaa alaa faayidaa fi birmadummaa biyyaa miidhaan ittisuuf waloon dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsa isaan eereera.
Dhiibbaa dippiloomaasi qaamoleen alaa uumaa jiran furuuf mootummaan hojii dippiloomaasii cimaa hojjechuu akka qabu hubachiiseera.
Kutaalee biyyattii hundatti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu qaamni hundi ga’ee isaa akka ba’u gaafaateera.
Iddooleen sababoota garaagaraan sagaleen Filannoo itti hin gaggeeffamu jedhaman rakkoon jiru ariitiin furamuun filannoon Fulbaana 30 dura akka gaggeefamu manni marichaa ibsa isaan beeksiiseera.
Ummanni biyyattii marti filannoo kanarratti hirmaachuun rakkoolee yeroo ammaa Ityoophiyaa qunname keessaa baasuuf qooda isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment