Dhiibaa diinagdee vaayrasii koroonaa hir’isuuf dhiifama idaa mootummaan murteesse hojiirra oolu Ministeerri Galiiwwanii beeksise

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) –Dhiibaa diinagdee vaayrasii koroonaa hir’isuuf dhiifama idaa mootummaan murteesse hojiirra oolu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Dhiibaa diinagdee vaayrasii koroonaa hir’isuuf dhiifama idaa mootummaan murteesse hojiirra oolu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqee Ayyaalaw ibsan.

Bu’uura qajeelfama dhiifama idaan hanga bara baajataa 2007tti kafaltoonni gibiraa federaalaaidaa gibiraa qaban Birrii biiliyoona 34.08 dhaabbilee kuma 2 fi 411f idaan akka  haqamu ta’eera.

Bara baajata 2008 hanga 2011 idaa gibiraa kan qaban dhaabbilee kuma 1 fi 627 Birrii miiliyonna 200 fi miiliyoona 8 fi 676, dhala Birrii biiliyoona 2 ol, adabbii Birrii biiliyoona 3.6 waliigalan Birrii biiliyoona 5.9 dhiifamni taasifameera.

Dhaabbileen kunneen  %90 mootummaf Birrii biiliyoona 1.943 kaffaluu ibsaniiru.

Dhaabbileen 794 %25 dursa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 40 kaffaluu fi dhaabbileen kunneen bu’uruma waligaltee isaaniin itti fufun adabbii fi dhalli kan irraa ka’u ta’uu hubachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment