Dhibeen Teetanasii Daa’imman kichuu maali?

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Dhibeen Teetaanasii daa’imman kichuu dhibee baakteeriyaa ‘chlostridum tetani’ biyyee keessatti argamuun kan daa’immanitti dhufuudha.

Dhibeen kun dhibeewwan du’aatii daa’immaniif sababa guddaa ta’an keessaa isa tokkodha.

Sababoota teetaanasii daa’immaniif ka’uumsa ta’an:
• Haadholiin kunuunsa da’uumsa duraa hordofuu dhabuu
• Talaallii idilee fudhachuu dhiisuu fi
• Da’uumsa ogeessa fayyaatiin hin taasifamnedha.
Mallattoo dhukkuba kanaa:

• Daa’imman dhalatanii hanga guyyaa lamaatti fayyaa ta’anii guyyaa 3-28 gidduutti harma hodhuu dadhabuu, jeeqamuu, of wallaaluu, mangaagaan cufamuu fi mormi duubatti goguu fa’a.
Karaalee ittisa dhukkubichaa:
• Kunuunsa da’uumsa duraa hordofuu
• Talaallii idilee fudhachuu fi
• Dhaabbata fayyaatti da’uu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment