Dhibeen Saayinasii maali?

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Saayinasiin dhibee funyaani fi qaawwaan naannawa funyaanii jiran cufu, dhukkubsuu fi dhangala’aa funyaan keessaa baasudha.

Dhukkuba saayinaasii waantotni fidan hedduu yoo ta’an illee yaaliif akka tolutti garuu dhukkuba saayinaasii infeekshiniin dhufuu fi dhukkuba saayinaasii alarjiin dhufu jedhamuun qoodamu.

1. Dhukkuba saayinaasii alarjiin dhufu (Allergic sinusitis)

Gosti dhukkuba saayinasii kun kan namoota hedduu biratti dhibee saayinasii jedhamuun beekamu yoo ta’u sababa alarjii garagaraan kan akka qilleensa qorraa/gogaa, foolii baay’e cimaa (urgaahaa ykn ajahaa) fi kkf kan namatti ka’uudha.

2. Dhukkuba saayinaasii infeekshiniin dhufu (Bacterial/Viral/Fungal sinusitis)

Inni kun yeroo infeekshiinin akka vaayirasii, baakteeriyaa fi fangasii fa’aa keessoo saayinasii seenuun dhukkuba saayinasii fidanidha.

Gosti dhukkuba saayinasii kun waantota akka qorraa fi foolii garagaran kan namatti ka’u miti. Kun akka gosa saayinasii alarjiin dhufu kan yeroo hedduu deddebi’u miti. Infeekshini kana fide yaalamuunis guutumatti fayyuun ni danda’ama.

Dhangala’oon akka bishaanii funyaan keessaa baay’anaan yaa’uu, Qaawwi funyaanii tokkon isaa ykn lamaanuu cufamuu, Qofa’uu fi haxxiffachuu, Ija hooksiisuu/diimachuu, Dhukkubbii mataa fi naannoo funyaanii fi ijaa,Fooliin afaanii jijjiramuu, Miira funyaan funfaatani addaan baasuu dadhabuun isaan muraasa.

Bishaan ho’aa qaama dhiqaachuun, Bishaanii baay’isaanii dhuguu fi nyaata sirritti nyaachu,hurka bishaan ho’aa funyaanitti qabachuu, huccuu bishaan ho’aa jisuun ofitti qabuun yaala dhibee saayinasii keessaa isaani muraasa ta’uu odeeffannoo fuula Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Xiqur Anbassaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment