Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa yaaddoo fayyaa idil addunyaa jedhamuun labsame

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dhibee Maariyyee Jaldeessaa yaaddoo fayyaa idil addunyaa ta’uu labse.

Dhibichi biyyoota Afrikaa garaagaraa keessaatti daraan babal’achuu hordofee yaaddoo fayyaa idil addunyaa jedhamuun labsameera.

Koongoo dabalatee Biyyoota Afrikaa biroo keessatti babal’achuun daa’immanii fi ga’eessota miidhaa jiraachuu gabaafameera.

Giddugalli Ittisaa fi To’annoo Dhibee (CDC) Afrikaa biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti namoonni kumni 14 ol dhibichaan qabamuu fi namoonni 524 ammoo dhibichaan du’uu isaanii ibseera.

Dhibichi hunda yaachisuu akka qabu Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teewoodiroos Adihaanoom himaniiru.

Afrikaarra darbee Ardiilee birootti saffisaan babal’achuu akka danda’u kaasaniiru.

Namoota dhibichaan qabaman keessaa carraan du’uu % 19 ta’uu ibsameera.

Dhibichi Ugaandaa, Ruwaandaa, Birrundii fi Keeniyaa keessatti mul’achuu himameera.

Bara Faranjootaa 2022 biyyoota 70 ol keessatti mul’achuu fi namoota qabaman keessaa % 1 kan siiqan lubbuun darbuu isaanii ‘African News’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment