Dhibeen Busaa Sadarkaa “Weerara” Jedhamurra hingeenye-Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti Dhibeen Busaa sadarkaa weerara jedhamurraa akka hingeenye Ministeerri Fayyaa ibse.

Ministirri ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaan tatamsa’ina Dhibee Busaa, Kooleera fi Gifiraa ilaalchisuun ibsa kennaniin Dhibee Busaa to’achuuf hojiin to’annoo fi hordoffi hojjetamaa jiraachuu himan.

Ibsa isaaniin, waggoottan 20’n darbaan tatamsa’inni dhibechaa hir’achaa dhufuu kaasanii, ta’us Dhibeen Busaa hanqina hubannoo hawaasaarraan tatamsa’inni isaa dabalaa dhufuu dubbataniiru.

Waggaa 1 kana keessa dhiibbaan tatamsa’ina dhibechaa dabaluu hortdofee aanaalee tatamsa’inni dhibee busaa dabalaa jiru 250’tti hojiin to’annoo, hordoffii fi daawwannaan dirree gaggeefamaa akka jiru kaasan.

Naannawaalee saaxilamoo ta’anitti galteewwan gahaa dhaabbilee fayyaa qaqqabsiisuun hojjetamaa akka jiruu fi yeroo ammaas qixa tatamsa’ina dhibechaan raabsaan galteewwanii fi qorichaa akka dabalu taasifamuu dubbatan.

Baatii tokko darbe lammiileen kuma 700 wal’aansaa argachuu kan kaasan Dooktar Maqidas, qorichi lammiilee miiliyoona 2.7 wal’aansisuu dandeessisu biyya keessa galfamuu eeraniiru.
Yeroo ittaanu Saaphan Siree (Agoobara) kuma 500 raabsuuf qophiin taasifamuu dubbatan.

Dabalataan biiffaan keemikaalaa manneen miiliyoona 1.8’tti gaggeeffamuu eeraniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti dhibeen busaa sadarkaa weerara jedhamurraa akka hingeenye himaniiru.

Gama biraatiin bara 2016 aanaalee 152 olitti dhibeen Kooleeraa mudachuus himaniiru.

Yeroo ammaas naannolee shanii fi aanaalee 109’tti to’achuun akka danda’ame eeranii, aanaalee 43 ammoo hojiin hordoffii taasifamaa jiraachuun akeekaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment