Dhibee waagii ittisuuf keemikaalli farra waagii leetira kuma 84 ol qonnaan bulaaf raabsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) –Bara kana dhibee waagii midhaaniirraa ittisuuf keemikaala farra waagii leetira kuma 84 ol qonnaan bultootaaf raabsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.
 
Keemiikaalli farra waagii haaraa fi kan bule walumaagalatti leetirri kumni 84 ol karaa Federeeshinii qonnaan bultoota Oromiyaa fi alaa galchittootaan dhiyaateera jedhan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti ogeessi hordoffii qooda fudhattoota dhiyeessii caallaa guddistuu obbo Miiliyoon Baqqalaa.
 
Akka OBN gabaaseetti,godinaaleen Oromiyaa hundinuu keemiikala farra waagii midhaanii qonnaan bultootaaf raabsuufi yuuniyeenoota bakka buufachuun Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaarraa fudhataniiru jedhame.
 
Hanga ammaattiis keemikaalli farra waagii leetirri kumni 50 fi 884 godinaalee hunda qaqqabeeras jedhan obbo Miiliyoon Baqqalaan.
 
Kan hafe qonnaan bultoota biraan ga’uuf karaa Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaa yuuniyeenotaaf raabsamee geejjibamaa jira jedhan.
 
Dabalataanis godinaaleen karoora gafaataniin ala keemiikala kana dabalachuuf fedhii yoo qabataan qorichi bule kuusaa Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaa keessa waan jiruuf fudhachuu danda’u jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment