Dhibee Tiruu

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Dhibeen tiruu dhukkuba daddarbaa sababa vaayirasii hepatitis (Hepatitis A, B, C, D & E) jedhamaniin dhufudha.

Dhibeen tiruu gosa Hepatitis B jedhamu gosa cimaa fi talaalliidhaan ittifamuu danda’uudha.

Dhukkubni kun yeroodhaan adda ba’ee yaalii yoo hin arganne miidhaa tiruu, kaansarii tiruu, rakkoo fayyaa biroo fi du’aatii kan geessisudha.

Karaalee Daddarba Hepatitis B:

Walqunnamtii saalaatiin, Meeshaalee qara qaban kan vaayirasichaan faalamaniin, Tuttuqaatii dhiigaa fi dhangala’oo qaamaa biroo fi Haadharraa gara daa’imaatti yeroo da’umsaa darbuu danda’a.

Mallattoolee dhibee tiruu:

• Halluun gogaa fi ijaa gara keellootti jijjiiramuu

• Dhukkubbii garaa fi buusaawwanii

• Ho’inni qaamaa ol ka’uu

• Fincaan gurraacha’uu

• Dadhabbii yeroo dheeraaf turu

• Fedhiin nyaataa xiqqaachuu, ol deebisuu fa’aadha.

Toftaalee Ittisaa fi waan taasifamuu qabu:

-Talaallii ittisa dhibee tiruu (Hepatitis B vaccine) fudhachuu

-Tuttuqaatii dhiigaa fi dhangala’oo qaamaa biroo irraa of eeguu

-Walqunnamtii saalaa of-eeggannoo qabu taasisuu
Meeshaalee qara qaban dhuunfaan fayyadamuu

-Qorannoo Hepatitis taasisuu

-Namootni mallattoolee dhukkubbii dhibee tiruu qabanii fi karaalee adda addaan vaayirasichaaf saaxilaman dafanii gara dhaabbata fayyaa deemuun yaalii fi gorsa ogeessa fayyaa argachuu akka qaban ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment