Dhibee Busaa ittisuuf dhaabbiilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjatamaa jira-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC)–Tatamsa’ina dhibee busaa ittisuuf dhaabbiilee garaagaraa waliin qinoominaan hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Godina Jimmaatti tatamsa’iina dhibee busaa ittisuuf hojiileen hojjatamaa jiran daawwatameera.

Daawwanicharratti Ministir Deetan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, ummata biyyattii keessaa %69 dhibee buusaaf saaxilamoo ta’uu dubbatan.

Dhibecha ittisuuf dhaabbilee garaagaraa waliin hojjatamaa jiraachuus himanii, kanaafis deeggarsi Mootummaan Ameerikaas olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin J. Massinga gama isaaniin, dhibee buusaa ittisuuf deeggarsi mootummaa isaanii cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Hogganaan Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Kabbabawu, busaa fi gifirri dhibeewwan miidhaa olaanaa geessisaa jiran ta’uu dubbataniiru.

Dhibeewwan kanneen ittisuufis qindoominaan hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Daawwannicharratti mootummaa Ameerikaatiin deeggarsi saaphana siree taasifame hawaasaaf qoodameera.

Bariisaa H/Maariyaamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment