Dhibee  busaa ittisuuf  deeggarsi Doolaara miiliyoona 45 taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Tattaaffii mootummaan dhibee busaa ittisuufi to’achuuf taasisuuf kan oolu deeggarsi meeshaalee yaala fayyaa Doolaara miiliyoona 45tti shallagamu taasifame.

Deeggarsichi meeshaalee yaala fayyaa kanneen akka Maayikiroskooppii fi meeshaalee qorannoo Labraatoorii 550 ta’uu eerameera.

Deeggarsicha kan taasisan Dhaabbata Gargaarsaa Idil Addunyaa Ameerikaafi Ayikaap Ityoophiyaa ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Deeggarsichi dhaabbilee fayyaa  naannolee 6 keessatti argamaniif kan laataman ta’uu eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan deeggarsicha wayita fuudhan haasawaa taasisaniin,  dhibee busaa ittisuufi to’achuuf akkasumas balleessuuf deeggarsi mootummaafi dhaabbilee dhuunfaarraa taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Daayrektarri Dhaabbata Gargaarsaa Idil Addunyaa Ameerikaa Tiimootii Istaan gamasaaniin, dhibee busaa ittisuurratti deeggarsi taasisan cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsa taasifame keessaa hangi ta’e dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhamaniif kan ergaman ta’uus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment