Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Dhibeen busaa dhukkuba daddarbaa bookee busaaatin dhufuudha.
Dhukkubni kun rooba gannaan walqabachuun iddoowwaan busaaf saaxilamaa ta’anitti mul’achuu ni danda’a.
Bookeen busaa yeroo baay’ee kan nama cinintu bakka ciisichaatti galgalaa hanga ganamaatti.
Tooftaalee Ittisa Dhibee Busaa
• Iddoo ciisichaatti saaphana siree keemikaalan cuuphame fayyadammuu. Iddoo saaphanni siree gahaan hin jirretti haadholii ulfaafi daa’immanii dursi kennamuu qaba.
• Keemikaala farra bookee buusaa iddoo buusaaaf saaxilamaa ta’etti biifsisuu.
Keemilaalli si’a tokko biiffame ji’a jahaaf tajaajila waan kennuuf dhaaba manaa keemikaalli itti biiffame halluu dibuu, lolla’uufi waraqaa maxxansuu dhiisuu.
• Bookeen busaa iddoowwan bishaan faayidaan ala kuufametti waan walhortuuf bishaan faayidaan ala ciisu yoo naannoo jiraate dhangalaasuu, boollaa bishaa keessa ciisu duuchuu, kan faayidaaf oolan qadaaduu fi qulqulleessuun ittisuun ni danda’ama.
Mallottoolee Gurguddoo dhibee Bookee Busaa
• Gubiinsa qaamaa
• Ollannaa qaamaa
• Kutaalee qaamaa garaa garaa irratti mallattoo caccabsuu mul’achuu
• Bishaan dheebessuu
• Nyaata dorkuufi kkf.
Naannoo dhibeen bookee busaaf saaxilamaa ta’etti mallattooleen kunniin namarratti yoo mul’ate dhukkuba busaa ta’uu waan danda’uuf sa’atii 24 keessatti gara dhaabbata fayyaa naannoo jiru deemuun qorannoo dhiigaa taasisuun mirkaneeffachuun barabaachisaadha.