Finfinnee, Mudde 4, 2017 (FMC)-Dhibdee Itiyoophiyaaf falli waaraan maree biyyaalessaa eegalle waloomaan milkeessuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Fedhii keenya cinaatti dhiifnee gaaffii fi dantaa uummataaf dhaabbannaan gaaddisni maree hunda injifachiisee milkaa’ina waloof tumsa jedhaniiru ibsa baasaniin.
Guutuun ibsa isaanii akka itti aanutti dhyaateera.
Biyyoonni Addunyaa hedduun dhibdee keessoo isaaniitti mudateef Marii biyyaalessaan araara biyyaalessaa labsanii waloomaan nageenya isaanii waaressuun ijaarsa biyyaa isaanii milkeessaniiru.
Kanaanis fuula isaanii gara misoomaatti deeffachuun imala misoomaa jabeessanii dinagdee isaaniis bu’ura amansiisaa irratti dhaabaniiru.
Biyyi keenya Itoophiyaanis seenaa ijaarsa biyyaa waggoota hedduu kan qabdu taatus; qormaata rogdaneessa keessoo isheetti mudate sirnaan hiikkachuu dhabuurraa kan ka’e tokkummaa biyyaalessaa cimsuurra gara finxaalessummaa sabaatti imaluuf dirqamte.
Sirnootni dhufaa darbaa biyyi keenya keessummeessaa dhuftes kabaja sabdaneessummaa xiqqeessuun sirna qeenxeetti ulfina hore. Saboota hedduu moggaatti dhiibuun murna gita bittaa muraasaaf haala mijeesse.
Saboota jidduutti wal gaareffannaafi walshakkii daneesse, jaalalarras jibba hammeesse, tokkummaarra garaagarummaa bal’ise, wal ijaaruurra wal buqqisuuf haala mijeesse, wal ceesisuurra wal takaaluu humneesse.
Kanaanis dinagdeen dadhaabaa, ijaarsi biyyaas laafaafi tokkummaan biyyaalessaa humna dhabaa fincilliifi hokkorri danachuun biyyi keenya ajjeechaafi buqqaatii akka keessummeessituuf dirqamte.
Kuufama qormaataa biyyi keenya keessummeessaa jirtuuf fala waaraa kennuuf yeroo garaa garaatti yaaliwwan taasifamaa turanis milkii waloo argachuu dhabuu isaaniitiin biyya dirree wal waraansa obbolaafi maraammartoo hiyyummaa keessa daaddistu taatee jirti.
Akka biyyaattis ta’e naannoo keenyaatti hoggansi jijiiramaa bara 2010 gara Aangootti dhufuu isaatiin wal waraansa araaraan, jibba jaalalaan, garaa garummaa tokkummaan injifachuun Itiyoophiyaa hundaaf hundaan hundarraa ijaaruun sirna diimokiraasii dhugaa walmorkii yaadaa qofa bu’uureeffate galma taasifachuun imala eegalle.
Biyya nagaa, walqixxummaa, tokkummaafi dimokiraasiin irraa fagaatee maraamrtoo wal waraansaa keessa jirtuuf sagaleen misiraachoo lallabame; sabootattis abdii horee ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’e.
Kuufamoota qormaata rogdaneessa darbaa dabarsaan dhaloota kana ga’eefis falli waaraan maree biyyaalessaa labsuufi araara biyyaalessaa milkeessuu akka ta’e amannee dallaa jibbiinsaa dhiifamaan diignee riqicha jaalalaa waliif ijaaruuf cichinee hojjenne.
Balbala nagaa bannee harka araaraa diriirsinee dhibdee jiru hunda mareen furuuf nuffii tokko malee waamicha nagaa taasifne.
Uummanni keenyas duudhaa ganamaan qajeelfamee ulfoo isaa qabatee ‘waraanni nu haa ga’u nageenyi haa waara’u’ jechuun gaafate. Nagaan hundaaf hundis nagaaf harka akka diriirsu kadhatee imaanaas hundatti kennate.
Sanaanis Naannoon keenya nagaa ishee waaressuun dinagdee amansiisaa qilleensaan hin raafamne ijaaruuf imala ishee itti fufte.
Gaaffiifi kadhoo uummataa jalaa callisuun fafa.
Hunduu owwaachuufi waamicha isaaf birmaachuun Oromiyaatti nagaa waaressee ajandaa waloof ammoo maree biyyaalessaaf taa’ee araaraa biyyaalessaa mirkaneessuu qaba.
Fedhii keenya cinaatti dhiifnee gaaffii fi dantaa uummataaf dhaabbannaan gaaddisni maree hunda injifachiisee milkaa’ina waloof tumsa.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaafi quuqamtoonni uummata Oromoo hundi dhimma Oromoo irratti walooma qabanneefi sabdaneessummaa obbolummaa ijaaruu irratti waliin hojjennee kuufama qormaatotaa keessa jirru keessaa ba’uuf xiyyeeffannoo guddaa maree biyyaalessaaf kennuun dhimma boruuf bulfamu miti.
Mareen biyyaalessaa ajandaa guddaa dhalootni kun milkeessuu qabuufi dhaloota dhufuufis hiyyummaaf wal waraansa osoo hin taane biyya badhaadhina ijaarteefi diimokiraasii gad dhaabde dhaalchisuuf hojjechuun nurraa eegama.
Kanaafis hunduu of qopheessuufi ajandaa walitti qabuu naannoo keenyatti gaggeeffamuuf hirmaannaa ho’aa ajandaa uummata Oromoo bakka bu’u dhiyeessuuf hojjetamuu qaba.
Hirmaannaafi qooda fudhannaan keenya hunda haammataa taasisuu qofa osoo hin taane duudhaafi safuu sirna Gadaa irraa horatameen hogganamuun kuufama qormaatotaa keessa jirru keessaa ba’uuf hunduu gumaacha isarraa eegamu taasisuu qaba.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa-Pireezidaantii MNO
Mudde, 2017
Finfinnee