DhFA Koomiishinii Haaromsa Biyyaalessaa haala deeggaruun danda’amu mari’ate

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)-Koomiishinarri Koomiishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Ityoophiyaatti Itti Aantuu Bakka Buutuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dooktar Dilaamiinii Rooz waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhaabbannii fayyaa addunyaa haalotaa koomihinichaaf deeggarsa taasisuu irratti mari’achuu Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Keessumaa, dhaabbatichi tattaaffii loltoota duraanii deebisanii taasisu irratti walta’iinsaan haala hojjetan irratti mari’ataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment