Dhaqqabummaan FBC cimee akka itti fufuuf Inistiitiyuutichi tumsa teeknooloojii ni taasisa-Inj. Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Qabiyyeewwan garaagaraatiin dhaqqabummaan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet cimee akka itti fufuuf Inistiitiyuutichi tumsa teeknooloojii ni taasisa jedhan Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Injinar Warquu Gaachanaan.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet istuudiyoo haaraa ijaarsise har’a eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Injiinar Warquun ergaa dabarsaniin, istuudiyoo haaraa fi ammayyaa’aa ta’ee ijaaramuutti baga gammaddan jedhaniiru.

Faanaan teeknooloojiiwwan hubannoo namtolchee fayyadamuun biyyaa keessaa fi sadarkaa addunyaatti dorgomaa akka ta’uuf dhaabbanni isaanii tumsa damee hedduu akka taasisu dubbataniiru.

Qabiyyee hojiin, hawwattummaa kaameeraa, sagalee fi akkaataa dhiyeessiin fakkeenya ta’uun isaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Dhaqqabummaan Faanaa akka itti fufuu fi dhaabbata miidiyaa idil addunyaa akka ta’uuf hojjettoonni, mootummaa fi ummata waliin hojjechaa jiraachuu kaasan.

Inistitiyuutiin Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaas miidiyaaleen ittigaafatama ogummaa irraa eegamu akka bahatan dhiyeessii fi walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment