Finfinnee, Sadaasa 27, 2017 (FMC)-Dhaloota malaammaltummaa balaaleffatu horachuuf daa’immanirratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa hubachiise.
Guyyaan farra malaamaltummaa Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera.
Sirna kabaja guyyichaarratti Komishinarri Komishinichaa Obbo Abdallaa Oogatee ergaa dabarsaniin dhaloota barsiisnaan fuulduraatti hanni safuu ta’a jedhan.
Oromoon Sirna Gadaa keessatti yakkoota raawwataman marii fi araaraan akka xumuruu eeruun, hanna garuu murtee itti kenna malee dhiifamaan akka irra hindabarre himaniiru.
Kunis hangam hanni fokkisaa akka tahe kan mul’isuudha jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa malaammaltummaa dhabamsiisuuf dhaloota barsiisuurratti xiyyeeffachuun, barnoota safuu barsiisaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Dabalataan namoota hanna raawwatanirratti tarkaanfii fudhachaa jira jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanaa Taklagiyoorgiis jaalala biyyaaf qabnu kan mul’isnu tajaajila hannarraa bilisa tahee yoo kennineedha jedhan.
Xilaahuun Yilmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia