Dhaloota idaa utuu hintaane biyya mijattuu dhaalchisuuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)- Dhaloota, idaa utuu hintaane biyya mijattuu dhaalchisuuf adeemsa taasifamu keessatti hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.
 
Guyyaa har’aa magaalota garaagaraa 20’tti mariin ummataa gaggeeffameera.
 
Marii ummataa Kibbaa Itiyoopiyaa Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamerratti kan argaman Ministirri Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin badhaadhinaa biyyatti mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti hojiin qabeenya uumuu gahee olaanaaa kan qabu ta’uu dubbatan.
 
Qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuun badhaadhina hundagaleessaa magaalota mirkaneessuuf halkaniif guyyaa hojjetamaa jiraachuu ibsanii, dhaloota, idaa utuu hintaane miindaa fi biyya mijattuu dhaalchiisuuf adeemsa taasifamu keessatti hunduu gahee mataa isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Misooma waaraa mirkaneessuuf gufuulee yeroo yeroon mudatan obsan darbuun walta’iinsaa fi mariin hojjechuun murteessaa ta’uu akeekaniiru.
 
Itti Gaafatamaan Damee Warraaqsaa fi Siyaasaa Giddugalaa Qindeessaa Ijaarsa Dimokiraasii Dooktar Sammaa Xurunaa gama isaaniin mootummaan rakkoolee misoomaa fi bulchiinsa gaarii addaa baasuun furmaataa kennaa jiraachuu ibsan.
 
Kanaanis mootummaan gaaffilee ummataa furuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
 
Kutannoo kun deeggarsa ummataan yoo dabaalame gaaffileen hunduu furamaa kan adeeman ta’uu akeekaniiru.
 
Nageenyaa waaraa mirkaneessuuf obbolummaa dhugaan akka cimuu fi bu’uureffamuuf xiyyeeffannaa addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsanii Paartiin Badhaadhinaa seenessii waloo ijaaruuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.
 
Abbabach Keeshaamootu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment