Dhaloota egeree biyyaaf abdii ta’an oomishuun dirqama dhaloota har’aati – BBO

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Dhaloota Waan Hundaan Ga’oome horachuu dirqama dhaloota har’aa ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibseera.

Mootummaan dhaloota waan hundaan ga’oomee biyyaaf abdii ta’uu horachuuf sirna barnootaa haaraaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa W/Mikaa’eel ibsaniiru.

Yuunivarsiitiin Harraambee Manneen barnootaa mootummaa Magaalaa Adaamaa, Bishooftuu, Duukam, Asallaa, Shashamannee, Baatuufi Shaggariif kitaaba barnootaa haaraa kutaa 1-8 miiliyoona 1.25 ol maxxansuun deeggarsaan gumaacheera.

Dhaloota ga’umsa qabu horachuuf Mootummaan sirna barnootaa jijjiiruun kitaabilee haaraa maxxansuun xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jiraachuu Dooktar Galaanaan eeraniiru.

Kitaabni dhaloota qaruu, kan waa uumuuf nama kakaasu, waan darbee beekuufi dhaloota egereef dabarsuuf kan gargaaru, dhaloota ogummaan ga’oomee fi dandeettii goonfatekan uumuu waan ta’eef hirmannaa lammiilee hundaa kan gaafatu ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Harraambee Dooktar Habtaamuu Takkaan ibsaniiru.

Muuluugeetaa Girmaa + BKOtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment