Dhaloonni tokkummaan humna ta’uu abboottan darban irraa baratee Ityoophiyaa fooyyee qabdu ijoolleesaa dhaalchisuu qaba- MNH

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Dhaloonni tokkummaan humna ta’uu abboottan darban irraa baratee Ityoophiyaa fooyyee qabdu ijoolleesaa dhaalchisuu akka qabu Mootummaan Naannoo Hararii beeksise.

Naannichi kabaja ayyaana injifannoo Adwaa 126ffaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarseera.

Adwaan mallattoo gootummaa, hin bitamuu fi tokkummaa ta’uu ibsameera.

Injifannoo Adwaan Ityoophiyaanonni biyyoota addunyaa bittaa gabrummaa jala jiranii fi Afrikaanotaaf miira ni danda’amaa kan uuman ta’uu ibsameera.

Ayyaanni Adwaa bara kanaa uummanni Ityoophiyaa hundi haleellaa garee shorokeessaa ABUTiin irratti baname tokkummaan erga qolataniin booda kabajamuun isaa adda kan isa taasisu ta’uu ibsameera.

Yeroo itti hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaletti kabajamuun isaa gammachuu ayyaanichaa dacha kan taasisu ta’uu eeramuu ragaan Biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment