Dhaloonni hara’aa seenaa biyya kana keessatti gumaacha qabu beekuu fi injiffannoowwan argate itti fufsiisuu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii Gumii Balal marsaa 10ffaan mata duree ‘’Birmadummaa Ityoophiyaa tiksuuf ga’ee Oromoo jedhuun Waajjira Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti ta’amaa jira.
Waltajjiicharratti ‘’Enyuummaa Oromoo fi ga’ee birmadummaa Ityoophiyaa tiksuu keessatti ba’achaa ture’’mata duree jadhuun yaada ka’umsa marii kan dhiyyeessan Barreessaa fi Qorataan seenaa Taabor Waamii ;Oromoon Ijaarsa biyyaa gama hundaan ga’een gummaache ol’aanaa ta’uu eraniiru.
Ityoophiyaan rakkoo keessaa fi alaan mudateen wayita cabdee du’aaf dhiyaateetti gotootnii Oromoo gama bulchiinsa Raayyaa, Diingadee ,siyaasaan ga’ee ol aanaa ba’aa turuu kaasniiru.
Haata’u malee seenaan biyya kanaa dhugaa sabaa jiru sirnaan ibsuu irratti hanqini jiru akka fooyya’uuf waliitti dhufeenyaan marii’achuufi wal beekuun barbaachisaadha jadhan.
Hirmaatootnii marichaas dhaloonni hara’aa seenaa biyya kana keessatti gumaacha qabu beekuu fi injiffannoowwan argate itti fufsiisuuf haala biyya ceesiisuun danda’amu irratti xiyyeeffachuu qaba jedhaniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment