Dhaloonni har’aa dhaaltuu dhaloota kaleessaati, boru ammoo boru dhaloota har’aan ijaarama – TKM

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Qaammee 5, Guyyaa Dhalootaa ilaalchisee ergaa dabarseera.

Qaammeen 5, Guyyaan dhalootaa mata duree ‘Itiyoophiyaa ida’ama dhalootaa’ jedhuun kabajamaa jira.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaas guyyicha ilaalchisee ergaa dabarseen Dhaloonni har’aa dhaaltuu dhaloota kaleessaati, boru ammoo barruu dhaloota har’aan ijaarama.

Waan gaariifi yaraan kaleessaa bu’aa har’aa akkuma ta’e, hojiin har’a hojjennus carraa keenya boruuf murteessaadha jechuun ibseera.

Seenaan gaariin kaleessaa akkuma duudhaa gaarii ta’ee nu tajaajilu taateewwan kaleessaa godaannisa badaa ta’anii darban, dhaloota har’aarratti madda walitti bu’insaafi ilaalcha boodatti hafaa ta’uun akka itti hin fufneef cichoominaan hojjechuu barbaachisa.

Kaleessaa fi har’a walitti fiduun, waan gaarii babal’isaa, gochoota badaa hambisuun hojii keenya har’aa ta’uu akka qabu ibseera.

Itiyoophiyaan duudhaalee gaarii kaleessarra dhaaltte hedduu qabdi:- Gootummaa, jaalala biyyaa, tokkummaa, keessummaa simachuu, gaarummaa, arjummaa fi wantoota biroo hedduu gabbisuun nurraa eegamu, seenaa boonsaa calaqqee eenyummaa qabeenya dhaloota boruuti jedhuun eereera.

Guyyaa har’aas wayita guyyaa dhalootaa kabajnu dhaloonni ida’amuu haala akkamiin ijaarramuu akka qabu, dhimmi jedhurratti dubbachuun murteessaadha.

Dhaloota ida’amuu jechuun garaagarummaa kabachiisuu fi tokkummaa cimsuu jechuudha.

Eenyummaan dhuunfaa fi garee akka walitti hin buune, garaagarummaan miidhaginaa fi humna taasiisuun fayyadamu, walqixammaa kabajuu fi waliin injifachuu, gammachuu waloo baayyi’suu fi rakkoo jiru qooddachuu kan hir’isu, dhaloota waloon injifachuuti amanu uumuun murteessaa ta’uu kaaseera.

Dhaloonni ijaaraa adeemnu Itiyoophummaa Afrikummaa waliin, Afrikummaa Addunyaa waliin kan walitti hidhe ta’uu akka qabu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment