Dhaloonni duudhaa fi safuu ganamaan ijaarame hojimaata badaa qolachuun egeree biyyaaf wabii ta’a- BKO

Finfinnee, Mudde 9, 2017 (FMC) – Dhaloonni duudhaa fi safuu ganamaan ijaarame hojimaata badaa qolachuun egeree biyyaaf wabii ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiseera.

Biirichi gocha malaammaltummaa ilaalchisee ibsa baaseera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Malaammaltummaan yakka aangoo da’eeffachuu, imaanaa uummataa dagachuu, safuufi duudhaa uummataas cabsuun badhaadhina hin malle argachuuf qaxxaamuraan raawwatamu; gufuu ijaarsa sirna dimokiraasii, haqaafi nagaa, guddina dinagdeefi hawaasummaa jeequun birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu gocha aadmaleedha.

Yakkootni malaammaltummaa daanga maleessa ta’uu isaanii irraa kan ka’e biyyoonni Addunyaa miseensa mootummoota gamtoomanii ta’an qindoominaan qolachuuf waliigaltee qabsoo farra malaammaltummaa mirkaneessuun hojii keessa seenanii jiru. Biyyi keenyas biyyoota waliigaltee kana raggaasisuun qabsoo farra malaammaltummaa finiinsaa jiran keessaa ishee tokkodha.

Malaammaltummaafi hannii gochoota badaa faallaa duudhaa sabootaa, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa akkasumas danqaa imala badhaadhinaa ta’uun hubatamee hojiin qabsoo farra malaammaltummaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ejjennoo duudhaa ganamaatti deebi’uu qabateen cabiinsa safuufi duudhaa mul’atan suphee fayyisuuf yakkoota aadmalee faallaa duudhaa uummatichaa ta’an maksuuf kutannoon hojjechaa jira.

Malaammaltummaafi hojmaata badaa bu’uura irraa maksuufis dhaabbilee ijaarsa safuuf naamusa gaarii dagaagsan jabeessuufi dhaloota egeree hojmaata badaa baachuu hin dandeenye uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Dhiibbaa hamaa malaammaltummaan biyyaarraan ga’u qolachuufis qabsoo farra malaammaltummaa bu’uura uummataa qabu milkeessuun dhimma filannoo biraaf dhiyaatu miti jedhee amana.

Kaayyoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhaloonni duudhaa, aadaafi safuu hawaasa isaa beekuufi kabajuun naamusa gaariin ijaaramee egeree biyyaa malaammaltummaafi hojmaata badaa irraa akka tiksu gochuudha.

Dhalootni abdii egeree kufaatii safuufi naamusa gaarii biyyaafi naannoon keenya keessa jiru keessaa akka dammaqu mootummaafi uummata keenyarra itti gaafatamummaa olaanaatu jira. Kanaafis qaamni hunduu dammaqinaan hojjechuun egeree biyyaafi dhalootaa har’a tolchuu qaba.

Ga’eefi gumaacha qaama hundarraa eegamu hubachiisuu, miidhaa hojmaata badaan ga’u balaaleffachuufi sosochii uummata bal’aa uumuuf guyyaan farra malaammaltummaa Addunyaa sirnoota garaa garaan kan kabajamu yoo ta’u; bara kanas dhaadannoo “Dhaloota Safuufi Naamusa Gaariin Ijaaruun: Badhaadhina Hunda Galeessaaf” jedhuun akka Itoophiyaatti yeroo 20ffaafi akka naannoo keenyaatti ammoo yeroo 19ffaaf kabajamaa jira.

Kanaaf, geggeessitoonni, manneen hojiifi jaarmiyaaleen uummataa sadarkaa sadarkaan jiran hundi safuufi naamusni gaariin akka dagaaguufi tarsiimoon qabsoo farra malaammaltummaa akka milkaa’uuf ofiif harka sassaabbachuun ergama kana galmaan ga’uuf uummata waliin qindoominaan hojjechuun dirqama isaanii ba’achuu qabu.

Hooggansiifi hojjetaan dhaabbilee mootummaa sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga gurmaa’insa Gandaatti jiran qabsoo farra malaammaltummaa finiinsuu, madda galiifi qabeenya isaanii beeksisuufi galmeessisuu, tajaajila sirrii uummanni keenya barbaadu qixaan kennuu, rakkoolee kenna tajaajilaan wal qabatan saffisaan hiikuufi gaaffii uummataa deebisuuf halkaniifi guyyaa uummataaf hojjechuun dhimma filannoo biraaf dhiyaachuu hin qabnedha.

Qabsoo farra malaammaltummaa waliin haa finiinsinu, dhaloota egeree safuufi naamusa gaarii qabu har’a haa ijaarru; birmadummaa biyyaas waliin haa tiksinu!

Biiroo Kominikeeshinii

Mudde 2017

Finfinnee

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment