Dhaloonni amma carraa hundaatti fayyadamuun maqaa gaarii biyyaatti beeksisuu qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)- Dhaloonni ammaa carraa argame hundaatti fayyadamuun maqaa gaarii biyyaatti Addunyaatti beeksisuu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Kutaa Magaalaa Sulultaatti Ijaarame Eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan haasawaa taasisanii atileetoinni Naannoo Oromiyaatti argaman maqaa biyyaattii sadarkaa Idil Addunyaatti waamsisuu yaadachiisaniiru.

Inistitiyuutiin kun sadarkaa Afrikaatti Inistitiyuutii olaanaa ta’uus himanii, dhaloonni ammaa haala mijataa jirutti fayyadamee gama hundaan maqaa gaarii biyyaa sadarkaa addanyaatti beeksisuu fi waamsisuu qabu jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa gama isaaniin Inistiitiyuutiin kun akka biyyaatti kan jalqabaa ta’uu himanii, hanqina bakka bu’oota horachuu biyyattii ni fura jedhaniiru.

Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Koomishinaraa Daraartuu Tulluunis, Inistiitiyuutii akkanaa biyyaattiitti ijaaramuun guddina ispoortii biyyaaf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment