Dhalli namaa paarkii biyyaalessa gaarreewwan Baalee keessa waggoota kuma 47 jiraata ture – Qorannoo

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Dhalli namaa paarkii biyyaalessa gaarreewwan Baalee keessa waggoota kuma 47 jiraata akka ture qorannoo tokko ifoomseera.

Gareen qarannoo hayyoota Yuunvarsitii Finfinnee fi Yuunvarsiitoota Awurooppaa waalta’iinsaan taasisaaniin ifoomsaniiru.

Akka gabaasa OBN tti hayyoonnii kunneen qorannoo gaggeessaa turaniin jarraa kuma 1 fi dhibba 6 dura dhalli nama paarkii biyyaalessa gaarreewwan Baalee keessa jiraacha akka turan mirkaneessaniiru.

Argamni haftee dhala namaa kun paarkichi addunyaarratti beekkamti guddaa akka argatu gochuun hawwattummaa turistootaa dabaluudhaan, guddina diinagdee biyyaaf faayidaa inni qabu ol’aanadha jedhameera.

Comments (0)
Add Comment