Dhalattuu Ityoophiyaa Urjii Garee Biyyoolessaa Dubartoota Ameerikaa -Naa’oomii Girmaa

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Dhalattuun Ityoophiyaa Naa’oomii Girmaan tapha Waancaa Addunyaan Garee Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyoolessaa Ameerikaa waliin ga’umsa guddaa agarsiisaa jirti.

Taphattuun sarara ittisaa kan taate Naa’oomii Girmaaf gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa biyyoolessaa Ameerikaan bara 2020 yeroo jalqabaaf waamicha kan taasiisee yoo ta’u, jalqabaaf tapha Ameerikaan Uzbeekistaan waliin taphachuun injifatte irratti daqiiqaa 90 taphatteetti.

Tapha Shaampiyoonaa durbartoota Ameerikaa Kaabaarratti yeroo afuriif kan taphatte Naa’oomiin tapha Waancaa Addunyaa dubartootaa bara 2023 fi garichi Olompikii Gannaa bara 2024 akka darbu gumaacha olaanaa taasiisfeerti.

Naa’omiin waancaa addunyaa dubartootaa 9ffaa Niiw Ziilaandii fi Awustiraaliyaan qopheesse irratti garee biyyaalessaa Ameerikaa keessatti hammatamuun ga’umsa guddaa agarsiisaa jiraachuu eerameera.

Naa’omiin gareen kolleejjii Istaanfoord bara 2019 waancaa akka injifatuuf gumaacha kan taasifte yoo ta’u, taphattoota sarara Ittisaa ciccimoo 12 keessatti hammatamuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Naa’omiin abbaa ishee Girmaa Awwaqaa fi haadha ishee Aadde Sablee Deemsee irraa bara Faranjootaa 2000 dhalatte.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment