Dhalattoota Afrikaa lammiilee Ispeen Waancaa Awurooppaarratti ga’umsa olaanaa argisiisaa jiran

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC) – Dhalattoota Afrikaa lammiilee Ispeen Waancaa Awurooppaarratti ga’umsa olaanaa agarsiisaa jiran Niikoo Wiiliyaamsii fi Laamiin Yaamaal.

Hidda dhiigaan Gaanaa kan ta’e Niikoo Wiiliyaamsii fi Hiddaa dhiigaa Moorokoo kan qabu Laamiin Yaamaal Waancaa Awurooppaa 17ffaa Jarmanitti gaggeeffamaa jirurratti ga’umsa addaa agarsiisaa jiru.

Tapha kaleessa Ispeen Joorjiyaa galchii 4 fi 1n injifatterratti Niikoo Wiiliyaamsi galchii tokko galchuun kan kubbaa ta’e tokko hiriyoota isaaf mijeesserra.

Kanaaniis tapha tokkorratti taphataa galchii tokko galchee fi tokko galchiif mijeesse, akkasumas kubbaa kennuu milkaa’aa % 100 taasiise jalqabaa jedhamuun riikkardiii galmeesseera.

Niikoo Wiiliyaamsi maatii isaa godaansa seeraan alaan Gaanaarraa gara Ispeen dhufanirraa kan argameedha.

Sababa bifa isaan yeroo baay’ee haleellaa sanyummaaf saaxilamaa kan ture Niikoo Wiiliyaamsi yeroo ammaa Obboleessa isaa Inaakii Wiiliyaamsi waliin Kilaba Atileetikoo Biilbaa’oof taphataa jira.

Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessa Ispeen Laamiin Yaamaalis maatii Afrikaarraa argamu ibsameera.

Taphataan kun Umrii waggaa 16ffaa isaatti riikkardiin adda addaa galmeesseera.

Taphata umrii xiqqaa tapha Waancaa Awurooppaarratti ga’umsa olaanaa agarsiisaa jiru jedhamuun maqaa isaa galmeesseera.

Tapha kaleessarrattis kubbaa galchiitti jijjiiramte mijeessee kenneera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment