Dhalattoonni Oromoo Emireetoota Araba Gamtoomanii keessa jiraatan Kitaabilee kuma 20 Biiroo Barnoota Oromiyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Diyaaspooraawwan Dhalattoota Oromoo Emireetoota Araba Gamtoomanii keessa jiraatan Kitaabilee gosa gara garaa kuma 20 Biiroo Barnoota Oromiyaaf deeggarsa taasisaniiru.
Dhaloota itti fufsiisuuf wal hubannaan hojjechuun murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Daawud eeraniiru.
Inisheetiivota Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojirra oolchaa jiru tajaajila lammummaan wal bira dhaabbachuu murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Hoogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa W/ Mikaa’eel deeggarsa kitaabaa dhalattoonni biyya alaa lammii qaruuf taasisan galateeffataniiru.
Miira quuqama biyyummaan dhaloota lafaa dhufaa gahoomsuurratti qindoominaan hojjechuun gahee hundaa ta’uu eeraniiru.
Dhalattoonni Oromoo Emireetoota Araba Gamtoomanii keessa jiratan kitaabilee kuma 20 Birrii miiliyoona 50 olitti tilmaamamu deeggarsa taasisuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment